Finfinnee Qaammee 4, 2017 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad qaamoolee Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa akka xumuramuuf gumaacha taasisaniif Badhaasa Nishaanii Kabajaa kennaniiru.
Sirni Eebba Pirojektii Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa Gubaatti gaggeeffamaa jira.
Saganticharratti namoota heddu wajjin ta’uun hidhichi xumuraaf akka gahu qaamoolee gahee olaanaa bahataniif Dooktar Abiy Ahimad Badhaasa Nishaanii kabajaa kennaniiru.
Haaluma kanaan Hojii Gaggeessaa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa Injiinar Kiflee Horoo, Hojii gaggeessaa itti aanaa Hidhichaa Injiinar Efreem Waldakidaaniif badhaasni Nishaanii Kabajaa kennameefira.
Akkasumas hojii gaggeessaa opireeshinii Buufata Hidha Guddichaa Haaromsa Itiyoophiyaa Injiinar Kamaal Ahimad fi Qindeessaa Saayitii hidhichaa obbo Balaachew Kaasaaf badhaasichi kennameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.