Finfinnee, Sadaasa 14, 2018(FMC)- Jibuutiitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dooktar Ambaasaaddar Laggasaa Tulluun xalayaa muudama isaanii Barreessaa Olaanaa Abbaa Taayitaa Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) Dooktar Warqinaa Gabayyoof dhiyeessan.
Dooktar Warqinaa Gabayyoon ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Dooktar Ambaasaaddar Laggasaa Tulluu waliin kallattiiwwan xiyyeeffannoo ardii fi dhaabbatichaa irratti mari’anneerra jedhan.
Dooktar Ambaasaaddar Laggasaa Tulluun Koree Ambaasaaddarootaa IGAD’tti makamuus Dooktar Warqinaan ibaniiru.
Jibuutiitti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa ta’uun kan muudaman Dooktar Laggasaa Tulluun xalayaa muudama isaanii Sadaasa 8, 2018 Pirezidaantii biyyattii Ismaa’el Oomaar Giileef dhiyeessuun isaanii kan yaadatamudha.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.