Finfinnee, Guraandhala 8, 2017 (FMC)-Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos Yaa’ii 38ffaa Hoggantoota Gamtaa Afrikaa gaggeeffamaa jirun cinaatti Ministira Dhimma Alaa Mooritaaniyaa Dooktar Mohaammad Saalem waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin, hariiroo gamlamee biyyoota lameenii damee Diinagdee fi Aadaan caalmaatti cimsuu haalota dandeessisanirratti mari’ataniiru.
Dabalataniis fedhii waloo biyyaalessaa fi Idil Addunyaarratti walta’insaan hojjechuuf waliigaluu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ityoophiyaa