Finfinnee, Mudde 30, 2018 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos gitasaanii Chaayinaa Waangi Yii waliin mari’ataniiru.
Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos wayita kana hariiroon biyyoota lameenii michummaa waggoota dheeraa, tumsaafi kabaja waloorratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.
Deeggarsa Chaayinaan misooma Itiyoophiyaaf taasisaa jirtu dinqisiifachuun Itiyoophiyaan tumsa diinagdee biyyoota lameen gidduu jiru cimsuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Kaka’umsa inisheetiivii nageenyaafi misooma Gaanfa Afrikaa Chaayinaan dhiyeessiteef xiyyeeffannoo kennuun faayidaa inni rakkoolee nageenyaa, misoomaafi bulchiinsaa furuuf qabu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan tumsa Itiyoo-Chaayinaa waltajjiiwwan qooda fudhattoota hedduu jechuunis inisheetiivii ‘Road and Belt’, tumsa Chaayinaa- Afrikaa, BRICS-Plus fi hammattoowwan Mootummoota Gamtoomanii irratti tumsaan hojjechuuf kutannoo qabaachuus eeraniiru.
Waangi Yiin gama isaaniin, bara faranjootaa 2026 keessa daawwannaan Afrikaatti taasisan kun kan jalqabaa ta’uu fi Itiyoophiyaan bakka gahumsa isaanii jalqabaa ta’uu kaasaniiru.
Kunis tumsa Chaayinaan Afrikaa waliin qabduufi Itiyoophiyaan ammoo tumsa tarsiimawaa ishee ijoo ta’uu akka agarsiisu ibsan.
Chaayinaan tumsa gama maraan Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf Kutannoo qabaachuu ibsuusaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Qaamoleen lameen hariiroowwan gamlamee, naannawaafi gama hedduu irratti qindoomina tarsiimawaa cimsuuf waliigalaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.