Finfinnee, Amajjii 14, 2018 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos gitsaanii Jarmanii Dooktar Johaan Waadfuul waliin mari’ataniiru.
Maricha ilaalchisee Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos ibsa kennaniin, dhimmoota tumsa gamlamee fi damee hedduu biyyoota lameenii irratti bal’inaan mari’achuu kaasan.
Tumsi biyyoota lameenii waggoota 120 lakkoofsisuu yaadachiisanii, Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad yaa’ii biyyoota miseensa garee 20 cinaatti Chaansilara Jarman Fireedirik Meerz waliin mariin taasisan michummaa biyyoota lameeniif dadammaqiinsa uumeera jedhan.
Mariin guyyaa har’aas qaama adeemsa kanaati jedhanii, dameewwan siyaasaa, diinagdeefi misoomaan tumsa biyyoota lameenii cimsuuf waliigalteerra gahamuus kaasaniiru.
Dameewwan qonnaa, barnootaa, bobbii hojiif leenjii ogummaa fi qabeenya uumamaaf dursi akka laatamu waliigaluus eeraniiru.
Rippaabiliikni Federaalawaa Jarman deeggarsa yuuroo miiliyoona 200 fi miiliyoona 6 gochuuf waliigalteewwan lama mallatteesssuu dinqisiifachuun, qabeenya qilleensaa, nageenya, shororkeessummaa ittisuufi tumsa damee hedduu cimsuuf waliigaleerra jedhan.
Jo’aan Vaadfuul gama isaaniin, michummaan Itiyoophiyaafi Jarman waggoottan hedduu lakkoofsisuu yaadachiisanii, tums agama maraa biyyoottan lameenii haala cimsuun danda’amurratti waliigalteerra gahamuu ibsaniiru.
Gahee Itiyoophiyaan naannawichatti nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf bahachaa jirtu kan dinqisiifatamu ta’uus dubbataniiru.
Wandimmuu Addunyaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.