Finfinnee, Amajjii 6, 2018 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Pirezidaantii Sudaan Kibbaa Saalvaakir Maayaardiit waliin mari’ataniiru.
Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos ergaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad irraa ergames Pirezidaantichaan gahaniiru.
Qaamoleen lameen dhimmoota gamlameefi naannawaa irratti kan mari’atan yoo ta’u hariiroo qaban cimsuuf kutannoo qabaachuus ibsaniiru.
Marii isaaniin tumsa diinagdee keessumaa tumsa daldalaa, invastimantiifi walitti hidhamiinsa bu’uuraalee misoomaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun barbaachisaa akka ta’e eeraniiru.
Uummata biyyoota lameenii fayyadamoo kan taasisan dhiyeessii daandiifi humnaa irrattis xiyyeeffachuun mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaa ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.