Finfinnee, Onkololeessa 10, 2018 (FMC) –Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi Daayrektera Olaanaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa Dooktar Nigoozii Okoonjoo Iwelaa waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin, adeemsa Itiyoophiyaan Dhaabbata Daldalaa Addunyaatti makamuuf taasistu saffisiisuu akkaataa dandeessisurratti mari’achuun ibsameera.
Akkasumas konfiraansii Ministiroota 14ffaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa Kaameeruunitti gaggeeffamurratti Itiyoophiyaan Dhaabbata Daldalaa Addunyaatti makamuuf tarkaafiilee barbaachisan hordofuuf qamooleen lachuu murannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaa sirna daldalaa hundagalessatti dabaluun fooyyeessi damee daldalaa fi faayinaansii, guddina misooma waaraa fi dorgomtummaa idil-addunyaa deeggaruuf faayidaa olaanaa qabaachuus ibsameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.