Finfinnee, Ebla 12, 2017( FMC)- Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan Ogeeyyii fayyaafi waldhaanamtoota waliin Ayyaana Yaadannoo Du’aa Ka’uu Iyyesuus Kiristoos kabajan.
Dooktar Maqdas, waldhaanamtoota waqtii ayyaanaa yaaluun gammachuu guddaa akka uumu eeruun, ogummaan fayyaa of kennuun hawaasa tajaajiluu ta’uu ibsaniiru.
Tajaajila hawaasaaf kennamu fooyyessuun cinaatti jireenya ogeeyyii fayyaa jijjiiruuf karoorfatamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Bifuma walfakkaatuun Dooktar Maqdas Dhaabaan hoggantoota biroo waliin ta’uun dhaabbata Meerii Jooy naannoo Araadaa Giyoorgisitti argamutti argamuun maaddii qoodaniiru.
Dhaabbatichaaf meeshaan Altiraasaawundii Birrii miiliyoona 4 baasu gumaachamuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia