Finfinnee, Waxabajjii 16, 2017 (FMC)- Tajaajilli Diyaaspooraa Itiyoophiyaa baatiiwwan salgan darbanitti biyyoota alaarraa Doolaarri Biiliyoonni 5 fi miiliyoonni 100 gara Itiyoophiyaatti ergameera jedhe.
Tajaajilichatti Hogganaan kutaa Pilaanii Wandiwasan Tarrafaan Faanaa Diijitaaliitti akka himanitti, hirmaannaa gama maraa diyaaspooraa cimsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Bara baajatichaatti fooyya’iinsa diinagdee gooroon walqabatee reemitaansii diyaaspooraan gara biyyaatti ergu akka dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamaa turuu yaadachiisan.
Diyaaspooraan lakkoofsa baankii sharafa alaa akka banu taasifamuu ibsuun, lakkoofsi baankii kumni 18 fi 889 banamuu eeran.
Lakkoofsa baankii kanarratti Doolaarri miiliyoonni 25 fi kumni 200 qusatamuufi kan bara darbeerra guddina olaanaa agarsiisuu dubbatan.
Gama biraan reemitaansii diyaaspooraarraa argamu guddisuuf hojii deeggarsaafi hordoffii hojjetameen baatiiwwan salgan darbanitti Doolaarri biiliyoonni 5 fi miiliyoonni 100 reemitaansiin gara biyyaatti ergamuu yaadachiisan.
Fooyya’iinsi diinagdee mandhalee dabaluu reemitaansiif gahee olaanaa bahachuu hubachiisaniiru.
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.