Finfinnee, Ebla 18, 2017 (FMC) – Dorgommii Adiidaas Adiizeeroo guyyaa har’aa Jarmanitti gaggeeffameen atileetonni Itiyoophiyaa injifatan.
Dorgommii fiigicha kiiloomeetira 5 dubartootaan Madiinaa Iisaa yoo injifattu, atileet Footyan Tasfaay fi atileet Galaa Hambassee 2ffaafi 3ffaa ba’aniiru.
Dorgommii fiigicha kiiloomeetira 5 dhiirotaan Yoomiif Qajeelchaan mo’ateera.
Dorgommii fiigichaa kiiloomeetira 10 dubartootaan Faantaayee Balaayinee 2ffaa yoo baatu, Sannaayit Geetaachoo, Girmaawiit Gabara’igzeer, Alam’addis Iyyaayyuufi Lamlam Nibrat 3ffaa-6ffaa bahuun xumuraniiru.
Dorgommii fiigichaa kiiloomeetira 10 dhiirotaan atileet Gammachuu Didhaa 2ffaa bahuu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.