Finfinnee, Ebla 18, 2017 (FMC) – Dorgommii fiigicha Kiiloomeetira 10 “Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu” guyyaa boruu gaggeeffamu sababeeffachuun Poolisiin Magaalaa Finfinnee daandiiwwan konkolaattotaaf cufaman ifoomseera.
Ka’umsi dorgommichaa Addabaabaayii Masqalaa yoo ta’u gama Ibsaa Lagahaariin, Bunnaanna Shaay, Addabaabaayii Meeksiikoo, Gamtaa Afrikaa, Saarbeetii, Addabaabaayii Puushkiin, Qeeraa Riqicha haaraa, Gootaraa, Sinimaa Agoonaa, Hoteela Giloobaal, Marfata Maskaram, Addabaabaayii Xilaahuun, Ibsaa Saanjooseef irraan deebi’ee Addabaabaayii Masqalaatti xumurama.
Haaluma Kanaan daandiiwwan konkolaattotaaf cufaman:-
👉 Daandiin Addabaabaayii Uraa’eel irraa gara Addabaabaayii Masqalaa geessu naannoo Baambiisitti.
👉Daandiin Addabaabaayii Olompiyaarraa gara Addabaabaayii Masqalaa geessu Addabaabaayii Olompiyaarratti
👉 Daandiin Masaraa Mootummaa Biyyaalessaarraa gara Addabaabaayii Masqalaa geessu Masaraa Mootummaa Biyyaalessaarratti
👉 Daandiin Ibsaa Harraambeerraa gara Ibsaa Saanjooseef
👉Daandiin Tiyaatira Biyyaalessaarraa gara Lagahaar geessu
👉Daandiin Sangaa Taraarraa gara Meeksiikoo geessu
👉Daandiin Warshaa Araqeerraa gara Addabaabaayii Meeksiikoo geessu
👉Daandii Lidataarraa gara Meeksiikoo geessu
👉 Daandiin Tsabala Lidataarraa gara Ibsaa Gamtaa Afrikaa geessu
👉Addabaabaayii Kaarlii gara Addabaabaayii Saarbeet kan geessu
👉Vaatikaanirraa gara Addabaabaayii Saarbeet kan geessu
👉Dirree Qeeraa Almaaziyyeerraa gara Ibsaa Qeeraa geessu
👉Kallattii Goofaa Gabri’eel irraa gara daandii qaxxaamuraa Goofaa geessu
👉 Yooseefirraa gara Gootaraa kan geessu
👉 Masqal Filaaworiirraa gara daandii qaxxaamuraa Agoonaa kan geessu
👉Addabaabaayii Azeeboorraa gara Riqicha Baqloo Beet geessu ganama barii sa’aatii 11:00 irraa eegalee hanga sagantichi xumuramutti kan cufaman ta’uu ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
Sararoota eeraman irratti har’a sa’aatii 12:00 irraa eegalee konkolaataa dhaabanii deemuun dhorkaa ta’uus hubachiiseera.