Finfinnee, Sadaasa 29, 2018 (FMC) – Dorgommii Kubbaa Miilaa Barattoota biyyoota Bahaa fi Giddugaleessa Paan Afrikaa Ugaandaa Magaalaa Kaampaalaatti gaggeeffamaa jiruun gareen dhiirootaa xumuraaf darbaniiru.
Ramaddii dhiirootaa kanaan Itiyoophiyaan Burundii injifachuun tapha waancaaf dabarte.
Taphni idilee galchii malee xumuramuun rukkuttaa adda bahiinsaan Itiyoophiyaan galchii14 fi 13’n Burundii injifachuun xumuraaf dabarte.
Ramaddii dubartootaan ammoo waancaaf darbuuf Ugaandaa waliin falmiin daqiiqaa muraasa booda taasisan ni eegama.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.