Finfinnee, Bitootessa 17, 2018(FMC) – Dorgommiin Aartii Sarkasii Oromiyaa marsaa 1ffaa magaalaa Adaamaatti eegaleera.
Wal ta’iinsa biiroo aadaafi Tuurizimii Oromiyaafi Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaatiin kan qophaa’e dorgommiin aartii Sarkasii Oromiyaa 1ffaan kun mata duree “Aartii Sarkasii milkaa’inaan Haaromsa Aadaaf” jedhuun gaggeeffama.
Aadaafi Ispoortii biyyaatti guddisuuf mootummaan xiyyeeffaannaa olaanaa kennee hojjachaa jira jedhan hoogantuun Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Aadde Roozaa Biyyaan
Aartii sarkaasii cimsuuf qaamolee hundi deeggarsa taasisuu akka qaban dubbatan.
Hooggantuun Biiroo Aadaafi Turiziimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruun gama isaaniin, Naannoo Oromiyaatti hojii haaromsa aadaafi aartii babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu dubbatan.
Waldorgommiin sarkaasii yeroo jalqabaaf qophaa’e kunis hojii haaromsa aadaa cimsuun, biyya gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf gumaacha guddaa qaba jedhan.
Sagantaa kun guyyoota shaniif kan turu yoo tahu, magaalonni Oromiyaa 10fi Godinni tokko irratti hirmaata jiru.
Dajanuu Gonfaatiin
#Oromia #Ethiopia