Finfinnee, Caamsaa 2, 2017(FMC)- Dorgommiin Ogummaa kan Biyyaalessaa marsaa 4ffaan mata duree “Sammuuwwan Ifaa, Lammiilee Ogummaan ga’ooman” jedhuun geggeffamaa ture xumurameera.
Dorgommii kanaan dorgomtoonni sadarkaa 1ffaa argatan qarshii kuma 500, 2ffaa kan ba’an kuma 400, 3ffaa kan ba’an ammoo qarshii kuma 300 badhaafamaniiru.
Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Ittigaafatamaan Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimokiraasii Obbo Adam Faaraah sirnicha irratti akka jedhanitti, misoomni ogummaa fi hojiin kalaqaa dinagdee biyyaa guddisuuf, darbees imala badhaadhina hundagaleessaa ariifachiisuuf gargaara.
Mootummaan hojii kalaqaa deggeruuf kutannoon hojjechaa jiraachuus himanii, akka fakkeenyaattis Ministeera Hojii fi Ogummaa hundeessuu irraa eegalee leenjii teekinikaa fi ogummaa babal’isaa jiraachuu kaasan.
Dorgommiiwwan akkanaas barbaachisummaa ogummaa hawaasa keessatti babal’isuuf akka gargaaran eeran.
Dargaggoonni dorgommicha mo’atan dargaggoota biroof fakkeenya akka ta’anis ibsanii, mo’attoonni dorgommichaa kunniin guddina fi imala badhaadhinaa biyya isaanii saffisiisuuf qooda isaanii akka gumaachan hubachiisaniiru.
Ministirri Hojii fi Ogummaa Mufariyaat Kaamiil gama isaaniin, dorgommiin marsaa 4ffaa kun kanneen duraa irraa haala fooyya’aa ta’een hojiiwwan kalaqaa kan itti mul’atan akka ta’e dubbataniiru.
Keessumaa oomishaaleen qulqullina qabanii fi rakkoo hawaasaa hiikuu danda’an bal’inaan dorgommiif kan dhiyaatan dha jedhan.
Qiddisti Biraanuutu gabaase