Finfinnee, Waxabajjii 19, 2017 (FMC) – Dorgommiin Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa bara 2017 injifannoo Kilaba Madin Itiyoophiyaan xumurameera.
Tapha cufiinsaa har’a waaree booda sa’aatii 10:00 irraa eegalee Madin Itiyoophiyaan Sihuul Shiree waliin taphataniin goolobame.
Madin Itiyoophiyaan galchii 3 fi 0n Sihuul Shiree injifateera.
Sihuul Shiree, Walwaaloo Addi Giraat, Adaamaa fi Maqalee 70 Indartaan Piriimeer Liigicha keessaa gara Liigii Olaanootti gadi bu’aniiru.
Taphataan Kilaba Hawaasaa Alii Sulayimaan galchii 21 lakkoofsisuun taphataa galchii olaanaa galche ta’eera.
Leenjisaan Kilaba Madin Itiyoophiyaa Gabramadin Hayileen leenjisaa cimaa barichaa jedhamuun badhaafameera.
Karra eegaan kilabichaa Abubakir Nuuraan karra eegaa cimaa jedhameera.
Dursaan taphattoota Madin Itiyoophiyaa Hayidar Sharafaan taphataa cimaa bara kanaa jedhamuun badhaafameera.
Salamoon Baqqalaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.