Finfinnee, Caamsaa 24, 2017 (FMC) – Dorgommiin Shaampiyoonaa Atileetiksii Itiyoophiyaa umrii waggaa 18 fi 20 gadii guyyoota torbaaf geggeeffamaa ture mo’attummaa Waliigalaa Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa fi Akkaadaamii Ispoortii Itiyoophiyaan xumurame.
Dorgommii magaalaan Dirredhawaa keessummeesse kana irratti magaalotaa fi naannoolee, kilabootaa fi dhaabbilee adda addaa atileetonni kuma 1 fi 190 hirmaataniiru.
Shaampiyoonaa kanaan umurii wagaa 18 gadiitiin Akkaadaamiin Ispoortii Itiyoophiyaa saala lamaaniinuu qabxii waliigalaa 279 galmeessisuun mo’ateera.
Ramaddii kanaan Giiddugalli Leenjii Atileetiksii Xirunash Dibaabaa fi Naannoon Oromiyaa walduraa duubaan sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa argachuun xumuraniiru.
Dorgommii ramaddii umurii waggaa 20 gadiitiin ammoo Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa qabxii waliigalaa 248 walitti qabchuun mo’ateera.
Pirezidaantii I/Aantuun Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Masarat Daffaar fi keessummoonni biroon badhaasa maallaqaa fi meedaaliyaa qophaa’e warreen injifataniif kennaniru.
Dorgommii kana irratti Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa waggaa 18 fi 20 gadii Naayijeeriyaatti geggeeffamu irratti warreen Ityoophiyaa bakka bu’an kan filataman ta’uun beekameera.
Tashoomaa Haayiluutu gabaase.