Finfinnee, Adoolessa 6, 2017 (FMC) – Du’aan boqochuu Pireezidaantii duraanii Naayijeeriyaa Muhaammaduu Buhaarii hordofee Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad gaddi itti dhagahamuu ibsan.
Dooktar Abiy Ahimad mootummaafi Ummanni Itiyoophiyaa maatii Muhaammaduu Buhaariif, ummataa fi mootummaa Naayijeeriyaaf jajjabina hawwu jedhan.
Wayita gaddaa kana yaadni keenya hundi isin waliin jira jechuun ibsan miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Muhaammaduu Buhaariin bara Faranjootaa 1983 hanga 1985 hoggansa waraanaa ta’uun kan tajaajilan yoo ta’u, 2015 hanga 2023tti ammoo Pireezidaantii biyyattii ta’uun tajaajilaniiru.
#Oromia#Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.