Finfinnee, Amajjii 27 , 2018 (FMC) – Du’aan boqochuu Proofeesar Asmaroom Laggasaan gaddi isaanitti dhagahamuu Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.
Obbo Shimallis Abdiisaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, du’aan addunyaa kanarraa boqachuu Proofeesar Asmaroom Laggasaa yemmuun dhaga’u gadda guddaatu natti dhagahame jedhan.
Proofeesar Asmaroom, ijoo eenyummaa Oromoo kan ta’e Sirna Gadaa irratti qorannoo nama jalqaban ta’uus ibsan.
Har’a kitaabni isaanii “GADAA: Three Approaches to the Study of African Society” jedhu qorannoo Sirna Gadaa kamiifuu bu’uura ta’ee tajaajilaa jira jedhan.
Qorannoon Proofeesar Asmaroom ummata keenya walakkaa jiraatanii gaggeessan sirna bulchiinsa dimokraatawaa ummata keenyaa addunyaa har’aa biratti beekamtii akka argatu taasiseera; Biyyi keenyas ta’ee Afrikaan, ka’uumsa sirna demokraasii alaa eeguun akka hinbarbaachifne kan hubachiisedhas jedhaniiru.
Beekaa akka Proofeesar Asmaroom Laggasaa dhabuun biyyaafi ummata keenyaaf miidhaa guddaadha jedhan obbo Shimallis Abdiisaan.
Faanni isaanii ummata keenya biratti siidaa jiraata bara baraaf dhaabbatee turuudha jechuun, Maatii, aantotaafi ummata keenya maraaf jajjabina, lubbuu isaaniif qananii jannataan hawwa jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.