Dubartoonni Itiyoophiyaa bilisummaa biyya isaaniif gumaacha olaanaa taasisaniiru – Pireezidaanti Taayyee

Finfinnee, Guraandhala 29, 2017 (FMC) – Dubartoonni Itiyoophiyaa bilisummaa fi guddina diingadee biyya isaaniif gumaacha olaanaa taasisuu Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen ibsan.

Pireezidaanti Taayyeen baga guyyaa dubartoota addunyaa geessan jedhaniiru.

Dubartoonni Itiyoophiyaa bilisummaa, guddina diingadee, duudhaalee hawaasummaa fi aadaa biyyaa guddisuu keessatti gumaacha olaanaa bahachuu Pireezidaanti Taayyeen ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin himaniiru.

Qormaatilee jiran hunda dandamachuun humna isaanii guutuun Itiyoophiyaa jijjiiruuf adda durummaan hojjechuu isaanii dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment