Finfinnee, Hagayya 16, 2017 (FMC)-Dudhaaleen aadaa fi amantaalee agarsiistuu Tokkummaa Sabdaneessummaa keenyaatti jedhe Tajaajilli kominikeeshinii Mootummaa.
Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Ayyaana Ashandiyyee, Shaaday, Ashandaa fi Soolal sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarseera.
Ibsituu heddumminaafi tokkummaa sabdaneessaa kan taate Itiyoophiyaan duudhaalee xumuramuu waqtii gannaa labsan kan qabdu ta’uus tajaajilichi ibseera.
Walakkeessa baatii Hagayyaa irraa eegalee shamarran gara dirreetti bahuun weedduuwwan dhageessisan kutaa Kaaba Itiyoophiyatti xumuramuu waqtii gannaa, daraaruu abaaboo fi firii naqachuu biqiltuuwwanii labsu jedhe.
Taateewwan aadaafi amantaa kanneen keessaa walakkeessa baatii Hagayyaa irraa eegalee guyyoottaniif haala ho’aan kan kabajamuu fi bakkeewwan garaagaraatti haala walitti dhiyeenya qabuun Ayyaanni maqaalee Shaadey, Ashandaa, Ashandiyyee fi Soolal jedhamuun beekamu tokko ta’uu eereera.
Ayyaanichi bakkeewwan garaagaraatti duudhaalee garaagaraan haala walitti dhiyeenya qabuun, yeroo walfakkaataatti, weedduuwwan aadaa garaagaraan ayyaana dirree shamarraniin kabajamu ta’uus ibseera.
Ayyaana kana haala hariiroo uummattoota waliif ollaa ta’anii cimsuu danda’uun kabajuun, eeguunii fi dhalootaaf dabarsuun barbaachisaadha jedhe.
Ayyaanichi dhalootaa dhalootatti darbaa dhufus haalaan beeksifamee qabeenya hawwata tuurizimii akka ta’uuf hojii dabalataa akka barbaadus kaaseera.
Kana malees ayyaanota walakkeessa baatii Hagayyaarraa eegalee kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti kabajaman waliin walitti hidhuun sabdaneessummaa cimsuuf haalaan hojjechuu akka barbaachisu tajaajilichi hubachiiseera.
Guyyoota Qaammee, Bara haaraa Itiyoophiyaa, Ayyaanota jijjiirraa baraa sabootaafi sabalammootaa garaagaraa, Ayyaana Masqalaa akkasumas Ayyaana Irreechaa waliin yeroo walitti dhiyeenya qabu keessatti waan kabajamaniif turtii tuuristootaa dheeressuu keessatti gahee olaanaa kan bahatan ta’uu yaadachiiseera.
Kanaaf bu’uura duudhaalee aadaafi amantaa isaaniin haala ho’aa ta’een kabajamuun dadammaqina damee tuurizimiif gahee isaanii akka bahataniif mootummaan deeggarsa kan taasisu ta’uu hubachiiseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.