Duudhaalee kabaja Irreechaa addunyaatti beeksisuuf miidiyaaleen qooda olaanaa qabu – Aadde Jamiilaa Simbiruu

Finfinnee, Fulbaana 19, 2018 (FMC) – Kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2018 ilaalchisee ogeeyyii fi Rogeeyyii miidiyaalee biyya keessaa fi alaaf leenjiin kennameera.

Irreechi bara 2018 mata duree ‘ Irreecha Olka’iinsa biyyaaf’ jedhuun Fulbaana 24 fi 25, 2018 kabajama.

Irreechi Qabeenya aadaa guddaa Itiyoophiyaan qabdu waanta’eef duudhaa isaa hubachuun addunyaaf beeksisuun qooda miidiyaalee ta’uu qaba jedhan Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Aadde Jamilaa Simbiruun haasawa saganticharratti taasisaniiru.

Irreechi mallattoo tokkummaa, jaalalaa, nageenyaa, araaraa, sirna galateeffannaa fi dhiifamaa ta’uu hunda hubachiisuun murteessaadha jedhan.

Miidiyaaleen maalummaa Irreechaa fi faayidaalee isaa hawaasa hubachiisurratti hojjechuu qabu jedhan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaan.

Irreechi hariiroo ummataa, obbolummaa fi jaalala hawaasummaa caalmaatti kan cimsu ta’uu hubachuun miidiyaaleen duudhaa kana gabbisuu fi babal’isuurratti hojjechuu akka qaban hubachiisan.

Sirni guddaan kun dhalootaa dhalootaatti akka darbu miidiyaaleen qooda irraa eegamu akka bahan gaafatan obbo Hayiluun.

Duudhaaleen Irreechaa nageenyaa fi obbolummaa cimsuun hawaasa gamtoome ijaaruu keessatti gahee olaanaa qabaachuu dubbatan.

Waa’ee Irreechaa beeksisuu, hubachiisuu fi kabaja ayyaanichaa milkeessuuf miidiyaaleen qindoominaan hojjechuu akka qaban yaadachiisan.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment