Duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon Biqiltuu miiliyoonni 700 fi miiliyoonni 14.7 dhaabameera- Dooktar Girmaa Amantee

Finfinnee, Adoolessa 24, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoonni 700 fi miiliyoonni 14 fi kumni 700 dhaabamuu ifoomsan.

Dooktar Girmaa Amantee duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo sadarkaa biyyaalessaatti gaggeeffame ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniinis duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 700 dhaabuuf karoorfamee biqiltuu miiliyoonni 700 fi miiliyoonni 14 fi kumni 700 dhaabamuu ifoomsaniiru.

Sagantichaan hirmaannaa taasifameen riikardiin bara darbee fooyya’uu fi karoora bara kana qabamee ol milkeessuun danda’amuu eeruun, Itiyoophiyaanonni hundi baga gammaddan jedhaniiru.

Dhaabbii biqiltuu kanarratti lammiileen miiliyoonni 29 fi kumni 700 ol hirmaachuufi lafa heektaara kuma 200 fi kuma 94 irra biqiltuun dhaabamuu ibsan.

Itiyoophiyaan misooma diinagdee magariisaa cimaa ijaaruuf hojjechaa jirti kan jedhan Dooktar Girmaa Amanteen, karoorrawwan misoomaa keessaa ashaaraan magariisaa tokko ta’uu dubbatan.

Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni guddinarra jiran jijjiirama qabeenya qilleensaan miidhamoo ta’uu kaasanii, rakkoo kana maqsuuf biyyoonni ashaaraa magariisaarratti tumsaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Milkaa’ina seena qabeessa guyyaa har’aa galmaa’e keessatti hirmaannaan hawaasaa olaanaa ta’uu fi dhaabbii biqiltuu sagantaa ashaaraa magariisaa haferratti dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.

Miikiyaas Ayyalaan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment