Eebbifamuu Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa sababeeffachuun magaalota Gambeellaafi Asoosaatti sosochiin Ispoortii gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 4, 2018(FMC)- Eebbifamuu Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa sababeeffachuun Naannoo Gambeellaa magaalaa Gambeellaafi Naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Asoosaatti sosochiin Ispoortii gaggeeffameera.

Sosochii Ispoortii magaalaa Gambeellaatti gaggeeffame irratti Pireezidaantii Naannichaa aadde Alamituu Umood dabalatee hoggantoonni olaannoon mootummaa naannichaa biroon argamaniiru.

Aadde Alamituu Umood wayita kana akka jedhanitti, milkaa’ina Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaan argame hojiilee misoomaa biroorratti dabaluuf ciminaan hojjechuu qabna jedhan.

Bifuma walfakkaatuun sosochiin Ispoortii kun Naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Asoosaatti mata duree “Gamtaan Dandeenyeerra” jedhuun gaggeeffameera.

Sagantaa kanarrattis hoggantoonni olaanoo naannichaa argamaniiru.

‎Eebbifamuu Hidhichaa sababeeffachuun naannichatti sagantaaleen garaagaraa gaggeeffamaa jiraachuun kan eerame yoo ta’u guyyaa boruus hiriirri deeggarsaa fi gammachuu ibsannaa kan gaggeeffamu ta’uu Kominikeeshiniin naannichaa ibseera.

Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa Qaammee 4, 2017 eebbifamuun kan yaadatamu yoo ta’u, guutuu biyyatiitti Ummanni gammachuu isaa ibsachaa jira.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment