Finfinnee, Fulbaana 6, 2018 (FMC) – Eebbifamuu Hidha Haaromsaa hordofee hiriirri deeggarsaa gaggeeffame milkiin xumurame jedhe Qajeelchi Poolisii Naannoo Amaaraa.
Hiriirri deeggersaafi gammachuu Godinaalee, Magaalotaa fi Aanaalee Naannoo Amaaraa garaa garaa keessatti gaggeeffame nagaan xumurameera jedhe.
Ajejaan waliigalaa Qajeelcha Poolisii naannichaa Komishinar Dooktar Zalaalam Mangisteen miseensota Raayyaa Ittisaa, Poolisii Federaalaa, Koree Nageenyaafi Tasgabbii, Poolisii naannichaa, Milishaafi nagaa eegsistoota hiriirichi nagaan akka xumuramu qooda qaban hunda galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia