Eebbifamuu Hidha Haaromsaa hordofee Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti hiriirri gammachuufi deeggarsaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 8, 2018 (FMC) – Eebbifamuu Hidha Haaromsaa hordofee Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti hiriirri gammachuufi deeggarsaa mata duree ‘Gamtaan Dandeenyerra’ jedhuun gaggeeffamaa jira.
Kutaaleen hawaasaa garaagaraa hiriira kanarratti hirmaachaa jiru.
Jiraattotni kunneen Hidhi Haaromsaa bu’aa cichoominaafi tokkummaati, mallattoo bayyanannaati, agarsiistuu danda’uuti, Ashaaraa Badhaadhina Keenyaati! dhaadannoowwan jedhan dhageessisaa jiru.
Akkasumas, ergaawwan hojiilee misoomaa mootummaan eegale jajjabeessaniifi tumsan dabarsaa jiru.
Comments (0)
Add Comment