Finfinnee, Fulbaana 11, 2018 (FMC) – Eebbifamuun Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa mallattoo bayyanannaa Itiyoophiyaati jedhan Pireezidaantiin Naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaan.
Eebbifamuu hidhichaa hordofee naannoo Afaar Samaraa Loogiyaatti hiriirri gammachuu fi deeggarsaa gaggeeffameera.
Hidhichi gaabbii fi dhamaatii bara dheeraati jedhan Pireezidaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Aarbaan hiriiricharratti argamuun ergaa dabarsaniin.
Miira tokkummaa, gootummaa fi ni danda’amaan hidha ijaarame ta’uu eeran.
Meeshaalee ijaarsa seenessa walooti jedhan.
Ammaan booda dhimmi ijoon karra galaanaa ta’uu dubbatan.
Galaana diimaa deebisanii argachuun faayidaa Diinagdee fi Siyaasaa olaanaa qabaachuu kaasan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.