Finfinnee, Sadaasa 26, 2018 (FMC) – Eenyummeessa biyyaalessaa lammiilee hunda qaqqabsiisuuf hojiileen garaagaraa xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira jedhe Sagantaan Waraqaa Diijitaalaa Biyyaalessaa.
Karoora qabame guutummaatti milkeessuuf hojiileen adda adda hojjetamaa jira jedhan Sagantaa Waraqaa Eenyummeessa Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti Ispeeshaalistiin Teeknikaa Kutaa Galmee Xaanaa Taammiraat turtii Faanaa Miidiyaa Korporeeshin waliin taasisaniin.
Mootummaan sagantichaaf murannoo addaa qabaachuu kaasan.
Yeroo ammaa hojiin hubannoo cimsuu, iddoolee galmee babal’isuu fi hojiin waraqichaa tajaajila diijitaalaa waliin qindeessuu hojjetamaa jira jedhan.
Hojiin Maashinoota galmeef tajaajilan dhiyeessuu fi dhaabbilee hunda keessatti babal’isuu hojjetamaa jiraachuu kaasan.
Keessattuu hanqinaalee adeemsa galmee fi dogoggoroota wayita galmee mudatan saffisaan furuuf hojjetamaa jiraachuu eeran.
Wayita rakkooleen kunneen mudatan hawaasni giddugala galmee dhiyeenya isaanitti argamu dhaquun furachuu danda’u jedhan.
Akkasuma ragaa sirreessuu fi haaromsuuf Id.et/Update irra galuun Online sirreessuun kan kan danda’amu ta’uu ibsan.
Eenyummeessaan kun tajaajila manneen hojii mootummaa caalmaatti si’ataa fi mijataa taasisuuf qooda olaanaa qabaachuu dabbatan.
Hawaasa dijitaalome uumuu,tajaajila mootummaa si’eessuu, bulchiinsa gaarii mirkaneessuu,riifoormii eegalame guutuu taasisuu, Seeran alummaa gara garaa to’achuu, nageenya amansiisaa fiduu, sirna daldalaa fi galii ammayyeessuu keessatti gumaacha jabaa qabaachuu himan.
Hanga ammaatti lammiileen miiliyoonni 28 fi kumni 900 fi kumni 56 ol waraqaa kana fudhachuuf galmaa’uun ibsamuun kan yaadatamuudha.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.