Finfinnee, Sadaasa 30, 2018 (FMC)- Ejensiin Inarjii Atoomawaa Idil-addunyaa kaayyoo Itiyoophiyaan damichaan qabatte akka milkeessituuf deeggaruuf kutannoo qaba jedhan Daayrektarri Olaanaan Ejensichaa Raafaa’el Maariyaanoo Giroosiin.
Raafaa’el Maariyaanoo Giroosiin Itiyoophiyaan Sagantaa Humna Niwukilaraa eegaluu hordofee ergaa dabarsaniin, Itiyoophiyaan Komishinii hundeessitee hojii eegaluun carraa guddaa ta’uu ibsuun ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Mul’ataafi kutannoo hoggansaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin Itiyoophiyaan Sagantaa Humna Niwukilaraa naga- qabeessa eegaluu dinqisiifataniiru.
Humni niwukilaraa guddina indaastiriifi humna namaa barate horachuuf qooda olaanaa qabaachuu kaasanii, waloon hojjechuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Ejensichi kaayyoo Itiyoophiyaan damichaan qabatte akka milkeessituuf deeggarsa taasisuuf kutannoo qabaachuus mirkaneessaniiru.
Sagantaan humna niwukilaraa guddina biyya tokkoof faayidaa gama maraa qabaachuu eeruun, Itiyoophiyaanis fayyadamtuu sagantichaa ta’uuf hojiin hojjechaa jirtu kan jajjabeeffamu ta’uu dubbatan.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeen.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.