Ejjennoo Itiyoophiyaa magariituu ijaaruuf qabnuuf Walaayittaa Sooddoon ragaadha- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 10, 2017(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ejjennoo Itiyoophiyaa magariituu ijaaruuf qabnuuf Walaayittaa Sooddoon ragaadha jedhan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Arbaaminici hanga Walaayittaatti wayita imallu bu’aalee misooma magariisaa keenya akkasumas ooyiruu misooma qonna fuduraa daawwanneerra jedhan.

Tattaaffiiwwan kunneen magariisummaa deebisuurra darbee hojii haala jiruufi jireenyaa ceesisuuf hojjetamu ta’uus kaasaniiru.

Uummanni Walaayittaa aadaa hojii cimaafi gamtaan beekamu adeemsa jijjiiramaa kana keessatti gahee olaanaa bahachaa akka jirus ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment