Finfinnee, Caamsaa 10, 2017 (FMC) – Eksipoon Teeknooloojii Itiyoophiyaa 2025 humni teeknooloojii Itiyoophiyaa kan itti mul’ate ta’uun ibsameera.
Caamsaa 8, 2017 irraa eegalee Giddugala Konveenshinii Idil-addunyaa Addisitti gaggeeffamaa kan ture Eksipoon Teeknooloojii Itiyoophiyaa xumurameera.
Xumuramuu Eksipoo kana ilaalchisee ibsa kennameen, biyyoota garaagaraa 55 irraa namoonni kumni 15 ol hirmaachuun eerameera..
Humna teeknooloojii Itiyoophiyaa mul’isuufi maqaa gaarii biyyattii ijaaruuf carraa gaarii kan uume ta’uunis ibsameera.
Itiyoophiyaan damee tekinooloojiin Afrikaa walitti hidhuuf haala miijataa ijaaraa jiraachuu agarsiisuuf imalli haaromsa dijiitaalaa fi bu’aalee galmaa’an hawaasa addunyaatti beeksisuuf faayidaa guddaa qabaachuun isaas himameera.
Eksipoon kun nageenya saayibarii,hubannoo namtolchee, tekinooloojii faayinaansii, magaalaa ismaartii akkasumas barnoota tekinooloojii irratti xiyyeeffachuun sagantaalee garaagaraan geggeeffamuun himameera.
Waliigalteewwan 20 ol dhaabbilee dhuunfaa fi tekinooloojii fi dhaabbilee mootummaa gidduutti kan mallatteeffaman yoo ta’u, dhaabbileen 100 ol tajaajilaa fi oomishaalee isaanii dhiyeessuunis himameera.
Feeven Bishaawutu gabaase