Finfinnee, Amajjii 7, 2018(FMC) – Waggoottan jijjiiramaa darbanitti imaammata maallaqaa ammayyeessuun, sharafa alaa fooyyessuun, jijjiiramni damee faayinaansii fi fooyya’iinsi dhaabbatummaa hojiiwwan gurguddoo hojjetaman keessatti kan eeramanii dha.
Hojiiwwan fooyya’iinsaa kunniin qaala’iinsa gatii Waxabajjii bara 2010 %30 irra ture , Mudde bara 2012tti gara % 9.7tti hir’isuu danda’aniiru.
Fooyya’iinsa sharafa alaa argamu guddisuu bira darbees garaagarummaa gabaa seera qabeessaa fi walcinaa gidduu jiru dhiphisuu danda’eera.
Ammatti qoodni liqii damee dhuunfaaf dhiyaatu %77 irra ga’eera.
Lakkoofsota herregaa dijiitaalawaas gara Miliyoona 200 fi miliyoona 54tti guddisuu dandeessiseera.
Gara fuulduraatti qaala’iinsa gatii dijiitii baaqqee irra tursuun, gabaa sharafa alaa tasgabeessuu fi tilamaamuu danda’uun, bittaa fi walitti makama baankotaa hojiirra oolchuun, dhaabbata damee inshuuraansii hogganu gurmeessuun, sirna baankii dhala irraa bilisaa cimsuun dhimmoota xiyyeeffannoon kennamuuf keessaa ti.
Dooktar Iyyoob Takkaallinyi
Bulchaa Olaanaa Baankii Biyyaalessaa
#Oromia #Ethiopia