Ergaa Ministira Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee

Finfinnee, Amajjii 7, 2018(FMC) – ‎Sochiin dinagdee gooroo Itiyoophiyaa waggoota torba duraa cabiinsa keessa ture.

Jeequmsi dinagdee gooroo, ba’aan idaa, hanqinni sharafa alaa fi gabaan tasgabbaa’uu dadhabuun cabiinsa dinagdee gooroo gurguddoo jijjiirama dura turanii dha.

Mootummaan cabiinsawwan kanneen jijjiiruuf hojiiwwan jijiiramaa hojjeteen bu’aaleen galmaa’aa jiru.

Jijiiramni kun Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaa saffisaan guddachaa jiran keessaa tokko akka taatu dandeessiseera.

Fooyya’iinsi dinagdee mandhaleen tokkoffaa fi lammaffaa dhaabbilee ciccimoo fi haaraa uumeera.

Bu’aalee jijjiiramni kun fide keessaa tarsiimoowwan ciccimoo, haaraa fi si’atoon galii mootummaa guddisuuf gargaaran wixinamuu danda’uu isaanii ti.

Jijjiiramaan booda haliin mootummaa kan alaa dabalatee dachaa shaniin guddateera.

Galiin taaksii mootummaas %400n dabaleera.

Galiin waliigalaa mootummaa hamma bara 2010 ture irraa %446°n dabaleera.

Yaa’iinsa qabeenyaa alaa irraas waggoottan torban darbanitti waliigalaan doolaarri biliyoonni 25 argamuu danda’eera.

Bajeetni dameelee hiyyummaa irratti xiyyeeffatan irra ooles bara 2010 kan irra ture irraa dachaa afuriin kan guddate yoo ta’u, hanqina baajetaa bara 2010 %2.5 tures bara 2017tti gara % .9-tti hir’isuun danda’ameera.

Ahimad Shidee
Ministira Maallaqaa

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment