Ergaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad

Galmoonni Dijiitaal Itiyoophiyaa 2030 akka milkaa’aniif dhimmoonni bu’uuraa lama jiru. Inni jalqabaa waliingahiinsa elektirikaati. Waliingahiinsi elektirikaa soorata teeknooloojii dijiitaalaati jedhanii fudhachuun ni danda’ama.

Gaajeetiiwwan teeknooloojii itti fayyadamnu elektirika barbaadu. Waan ta’eef filmaatawwan hundaan waliingahiinsa elektirikaa babal’isuu qabna.

Inni lammaffaan walitti hidhamiinsa intarneetiiti. Magaalonni hedduun fayyadamoo walitti hidhamiinsa intarneetii ta’aniiru. Haa ta’u malee waggoottan shanan dhufanitti walitti hidhamiinsa kana naannawaa hundatti guutummaatti waliin gahuu barbaachisa.

Kun akka danda’amu amannee hojjechuun lammiilee keenyaaf carraa walqixa uumuu qabna.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment