Ergaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Mudde 26, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad daawwannaa Waajjira Muummee Baabura Itiyoo Jibuutiitti geggeessan ilaalchisuun ergaa dabarsaniiru.

Ergaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsan akka itti aanutti dhiyaateera.

“Har’a Waldaa Aksiyoona Baabura Itiyoo Jibuutii daawwanneerra.

Daawwannichi humna raawwii loojistiksii biyyaalessaa biyya keenyaa gamaaggamuu fi ajandaa misoomaa biyyattii guddachaa dhufe deggeruuf qophaa’ummaa loojistiksii irratti maree bu’a qabeessa geggeessuuf carraa nuuf kenneera.

Dinagdeen keenya guddachaa yoo deemu dameen loojistiksii yoo hinammayyoomne gufuu guddaa guddina waaraa gufachiisu ta’ee itti fufa.

Guddinni ijaarsa daandii baaburaa irratti humna keessoon galmaa’e baay’ee kan jajamuu dha.

Kunis kutannoo humna keessoo ijaaruuf, bu’a qabeessummaa fooyyessuu fi itti fufiinsa damee baaburaa mirkaneessuuf qabnu kan argisiisuu dha.

Loojistiksiin cancala galaana irraa eegalee hanga kuusaawwaniittibkan jiru hunda hammata.

Kunis buufataalee, daandiiwwan baaburaa, daandiiwwan gurguuddaa konkolaattotaa, tajaajilawwan geejjibaa fi dhaabbilee kuusaa dabalata.

Yeroo ammaa kana dameelee harka keenyarra jiran kan akka buufata lafarraa, bu’uura misoomaa baaburaa, daandiiwwan gurguddoo , hojiiwwan fooyya’iinsaa fi ijaarsa kuusaawwanii ammayyeessuun adeemsarra jiru.

Isaan kun Qaawwota walqabatoo loojistiksii karaa qindaa’een furuun gufuuwwan damichaa haquu fi galmoota misoomaa biyyattii gurguddoo deggeruuf murteessoo dha. ”

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment