Ergaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Qaammee 3, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Qaammee 3 Guyyaa Milkaa’inaa ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.
Tarkaanfannaan Olka’insa Waaraaf
Idaan dhaalle baay’ee, daandiin irra imallu dheeraa, fedhiin uummata keenyaas bal’aadha. Imala suutaa barame sanaan boqonnaa badhaadhinaa barbaadnu bira hin geenyu.
Filannoon qabnu gulantaawwan tokko tokko utaaluudha.
Kanaaf ammoo kalaqniifi saffisni murteessitootadha.
Daandii baramerraa bahuu, yeroo baramee ol hojjechuu, gatii baramee ol kanfaluu nubarbaachisa. Kaayyoon keenya boqonnaa tokkorraa gara boqonnaa kanbiraatti cehuu miti.
Kaleessarraa utaallee gara borii gahuudha.
#Oromia #Ethiopia