Finfinnee, Fulbaana 15, 2018 (FMC) – Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasilleessaan Mana Maree Nageenyaa fooyyessuuf murtoon hatattamaa akka fudhatamuu fi bakka bu’ummaa Afrikaaf dursi akka kennamu waamicha dhiyeessan.
Pireezidaant Taayyee Atsqasillaaseen Yaa’ii Mootummoota Gamtoomanii 80ffaarraatti erga dabarsaniin Mana Maree Nageenya fooyyessuuf murtoon akka barbaachisu, akkasumas bakka bu’ummaa Afrikaaf xiyyeeffannoon akka kennamu gaagataniiru.
Gaaffiin bakka bu’ummaa fi haqa qabeessummaa Afrikaa barootaaf ture furmaata hin arganne jedhan haasawa yaa’icharratti taasisaniin.
Keessattuu humnii fi qoqqoobbiin daldalaa Afrikaarratti xiyyeeffatu murtoo hatattamaa kan barbaadan ta’uu ibsan.
Duula shororkeessummaa idil addunyaa qolachuu cimsinee itti fufna jedhan Pireezidaanti Taayyeen.
Tumsi Hammattoo laga Naayiil gara hojiitti hiikkachuu eegaluu eeruun, komishiniin yaa’a Naayil hundaa’uuf dhiyaachuu dubbatan.
Eebbifamuun hidha haaromsaa lammiileen Itiyoophiyaa humna Elektirikaa hin arganne miiliyoonni 60 madda anniisaa qulqulluu akka argatan kan taasisu ta’uu himan.
Hidhichi tumsa yaa’ichaa kan uumuu fi deeggarsi sirna eebbichaarratti mul’ate biyyoota yaa’a naayil gidduutti tumsa jiru caalmaatti kan cimsuudha jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.