Ergamni ‘Cehuumsa Caasawaa’ sektara qonnaa dhugoomsuuf bahachaa jirru faana milkaa’inaa argateera- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 19, 2018 (FMC) – Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shiimallis Abdiisaan ergamni ‘Cehuumsa Caasawaa’ sektara qonnaa dhugoomsuuf bahachaa jirru faana milkaa’inaa argateera jedhan.

Abdii muldhateef, qoodattoota sadi addatti kaasuun barbaachisaa ta’uu kaasanii, inni duraa “riifoormii sektaraa” gaggeessuun hudhaalee sektaroota ijoo akka qonnaa adda baasuu, akkasumas toorawwan qabiyyee hudhaalee adda bahan kanniin hirdhisuu, darbees hambisuun bu’uura ciminaa kaa’an hojiirra oolchudha jedhan.

Kan lammataa, xiyyeeffannoo qabatamaa, gama tokkoon kutannoo siyaasaa, gama birootiin hordoffiifi deeggarsa imaammataafi tarsiimootiin dabaalame kennuu danda’uu ta’uu ibsaniiru.

Sadaffaan ammoo inisheetivootaa hedduu baldhinaan hojiitti galchuun adeemsa baramaa cabsuu irratti hojii qabatamaa raawwachaa dhufuu akka ta’e eeraniiru.

Xiyyeeffannoo qabatamaa sektarichaaf kennineefi hojiilee toorawwan xiyyeeffannoo irratti raawwatama turaniin waggaadhaa gara waggaatti, jijjiiramni galmaa’uu irratti argamajedhan.

Bara oomishaa kana qonna gannaan lafa heektaara miiliyoona 10 fi kuma 800 misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 300 fi miiliyoona 65 ol argachuuf karoorfamuu yaadachiisaniiru.

Hanga ammaattis, lafti heektaarri miiliyoonni 10 fi kumni 200 ol midhaan gosa adda addaatiin uwwifuu kaasaniiru.

Kan hafus akkuma ‘agro-ecology’fi waqtiin roobaa eeyyamu guutumatti kan raawwatamu yoota’u, raawwii bara kanaa keessaa %80 ol kilaastaraan kan misoomeefi karoora bara kanaa keessaa %50 tiraaktaraan kan qotameedha jedhan.

Uwwisni lafaafi oomishti akka argamu eegnu kan yeroo kamiiyyuu ol ta’uu kaasanii, milkaa’inni kun hundaa’ol, bu’aa hammatummaa faayinaansii baadiyyaafi mekaanaayizeeshinii qonnaa ta’uu ibsaniiru.

Hubannoon gama omishtummaa dabaluutiin guddachaa jirus gahee mataa isaa kan qabuu ta’uu eeraniiru.

Qonna waliigalaa bara kanaa keessaa walakkaadhaa ol fedhii gabaa irratti hundaa’uun kan misoome ta’uus ibsaniiru.

Lafa hanga ammaatti misoomsine keessaa, midhaan al-ergii akka: Boloqqee, Atar-boonsituu, Maashoo, Saaliixafi Lawuzii qofti lafa heektaara miiliyoona 3 fi kuma 200 ol uwwisuu eeraniiru.

Garbuun biiraa lafa heektaara kuma 500 ol uwwisa jedhan.

Mootummaan gandaa, maatiin kamuu, oomisha gabaaf olu qulqullinaan akka oomishu, kan omishurraa meeqa argachuu akka qabuufi kan argaterraa meeqa akka qusatu waliin karoorsuu qofa osoo hintaane hordoffiifi deeggarsa walirraa hincinne taasisaa jira jedhan.

Inisheetivoonni keenya adeemsa baramaaafi barmaatilee hawaasa keessa turan cabsuu, hawaasa biratti sirnaan beeksisuu, hamilee itti horuu, bu’aa isaa akka dhamdhamu gochuun, deeggarsa mootummaa hambisuu darbees idiloomsuuf daandii qajeelaa ta’aa jiru jechuun ibsaniiru.

Hojiileen gama teknoolojii maddisiisufi raabsuu, eegumsa qabeenya umamaafi dhiyeessii galtee qonnaatiin raawwatamanis shoora guddaa taphachaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Xaa’oo bara kana dhiyaate keessaa %80 ol raabsamuu kaasanii, hubannoon qophii maasitii hanga kuusaa oomishaa, to’annoo dhibeetii hanga ilbiisaatti jiru daran dabalaa jira jedhan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Walumaagalatti, jalqabbii gaarii kana bu’uureffachuun, fuldurattis “ce’uumsa caasawaa” sektara qonnaatiif kan hojjennu ta’a jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment