Finfinnee, Onkololeessa 14, 2018 (FMC) – Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin Biiroo Kominikeeshinii magaalaa Finfinnee waliin tumsaan hojjechuuf waliigale.
Hoggantoonni biiricha har’a Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin daawwataniiru.
Dhaabbileen lamaan dhimmoota tumsaan hojjechuuf dandeessisanirratti mari’ataniiru.
Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniin bifa Magaalaa Finfinnee beeksisuu keessati gahee olaanaa bahachuu Hogganaan biircuaa obbo Haftaay Gabra Igzi’abheer ibsaniiru.
Hojiilee misooma Koriidarii bulchiinsa magaalichaa hojjetaa jiru, hariiroo ummataa, akkasumas hojiilee jajjaboo sadarkaa magaalichaatti hojjetamaniif uwwisa miidiyaa kennuun haala magaalichaa beeksisuu keessatti gahee olaanaa bahachuu eeran.
Yeroo itti aanuus hariiroon damee miidiyaan jiru caalmaatti cimee akka itti fufu gaafataniiru.
Uwwisaalee Koorporeeshinicha hojjetuuf biirichi deeggarsa gaarii gochaa turuu Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinitti Itti Aanaa Hojii Raawwachiisaa Olaanaa fi Hogganaan Damee Miidiyaa Diijitaalaa obbo Shallamaa Kabbeen eeraniiru.
Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin filannoowwn qabu maraan uwwisa miidiyaa kennu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.
Marichaan booda dhaabbileen lamaan damee miidiyaan tumsaan hojjechuuf waliigalaniiru.
Miikiyaas Ayyaalaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.