Finfinnee, Mudde 1, 2018 (FMC) – Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin malaammaltummaa qolachuuf hojiilee hojjeteef beekamtiin kennameefira.
Guyyaa farraa malaammaltummaa 22ffaa kabajamaa jirurratti beekamtiin kun kennameefira.
Komishiniin Namuusaa fi Farra Malaammaltummaa Itiyoophioyaan qaamolee malaammaltummaa qolachuu keessatti qooda qabaniif beekamtii kenneera.
Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin malaammaltummaa qolachuuf gabaasaalee addaa hojjetaa tureen bakka Minnistirri Muummee Itti Aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan argamanitti beekamtii argateera.