Faanaa Miidiyaa korpooreeshin badhaasa “Grand Africa” injifate

Finfinnee, Mudde12, 2018(FMC) – Faanaa Miidiyaa Korpooreeshin badhaasa Graandi Afrikaa sadarkaa daayimandii injifateera.

Badhaasni Giraandi Afrikaa 20ffaan Yaadannoo Injifannoo Adwaatti geggeeffameera.

Dhaabbileen, hoggantoonni fi ogeeyyiin hojii isaaniin milkaa’an sagantaa kanaan beekamtii argataniiru .

Faanaa Miidiyaa Korpooreshinis dhaabbilee bu’aa olaanaa galmeessisan keessaa Sadarkaa daayimandiin waancaa badhaafameera.

Faanaa Miidiyaa Kopooreeshin badhaafamuu kan danda’e bara kana dhaabbilee lama walitti makuun dhaabbata cimaa uumuu wandanda’eef, ga’ee dhaabbilee miidiyaa irraa eegamu ga’umsaa fi cichoominaan raawwachuu isaa fi bu’aalee galmeessiseen madaalamee akka ta’e waltajjicha irratti ibsameera.

Faanaan Itiyoopjiyaa irras darbee Afrikaa keessatti dhiibbaa uumuuf humna akka qabus himameera.

Sagantaa badhaasaa kanaan dhaabbileen kuma 1 fi 250’n kan galmaa’an yoo ta’u, sadarkaalee Daayimendii, Pilaatiinyeemiifi warqeen badhaafamaniiru.

Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment