Finfinnee, Waxabajjii 3, 2017(FMC)- Faanaa Miidiyaa Korporeeshin Korporeeshinii Injinariingii Itiyoophiyaa waliin ta’uun sagantaa jalqabbii iddoo hojii mijataa uumuu gaggeesse.
Walitti qabaan Boordii Faanaa Miidiyaa Korporeeshin Diyaaqon Daani’eel Kibret, hojii qulqullina qabu hojjechuuf waan dhuftaniif akkasumas waadaa keessan kabajuun nu waliin hojjechuuf asitti waan argamtaniif galanni keenya guddaadha jedhan.
Faanaa Miidiyaa Korporeeshin faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaaf dursa kennee kan hojjetu ta’uus ibsaniiru.
Hojjettoonni dhaabbatichaa yeroo dheeraa hojiirratti waan dabarsaniif iddoo hojii mijataa taasisuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Miidiyaa Korporeeshin obbo Admaasuu Daamxoon gamasaaniin, sagantaan kun iddoo hojii mijataa uumuun hojjetaan haala mijataa ta’een hojii akka hojjetuuf yaadamee ta’uu eeraniiru.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Korporeeshinii Injinariingii Itiyoophiyaa Injinar Shimallis Isheetuun, carraa Faanaa Miidiyaa Korporeeshin waliin hojjechuuf argatanitti gammaduu ibsaniiru.
Faanaa Miidiyaa Korporeeshin haala madaaluun hojii haaromsaa kana qulqullinaan hojjennee yeroo gabaabaa keessatti ni xumurra jedhaniiru.
Wandimmaganyi Tsaggaayeen.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.