Faanaa Miidiyaa Korporeshiniif beekamtiin kenname

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2018 (FMC) – Manni Maree Daldalaa Magaalaa Finfinnee hojiilee Dokumeentarii, oduu fi sagantaalee adda addaa Faanaa Miidiyaa Korpooreeshin ihojjeteef beekamtii kenne.

Manni Marichaa waggaa waggaan hoggantootaa fi ogeeyyii dhaabbilee miidiyaaf hojiilee miidiyaa isaanii ilaalchisuun waltajjii itti mari’atan ni qopheessa.

Guyyaan miidiyaa daldalaa bara kanaas mataduree ‘Miidiyaan hojiilee misooma magariisaaf’ jedhuun kaleessa geggeeffameera.

Bareessaan Mana Marichaa Dooktar Masarat Mollaa yerooma kana, ogeeyyiin miidiyaa keessumaa gaazexeessitootni damee daldalaa fi dinagdee beekumsaa fi hubannaan yoo hojjetan, guddina daldalaa fi dinagdee biyyaaf ga’ee olaanaa taphatu jedhan.

Daayireektarri Imaammataa, Adivookasii fi Kominikeeshinii obbo Kaasaahun Maammoo gama isaaniin, gabaasni biizinasii guddina ariifataa daldalaa fi dinagdee Itiyoophiyaan galmeessaa jirtuun walmadaalu akka dagaaguuf manni marichaa miidiyaalee wajjin akka hojjetu dubbataniiru.

Manni Maree Daldalaa magaalaa Finfinnee waggoota 72 lakkoofsise qophii miidiyaalee waliin hojjechuu isa dandeessisu xumuruus hubachiisaniiru.

Waltajjii kana irratti Faanaa Midiyaa Korpooreeshin dokumeentarii, oduu fi sagantaalee adda addaan hojii hojjeteen ga’ee gumaacheef Pirezidaantii mana marichaa Zahaaraa Mahaammad irraa waraqaa ragaa fi beekamtii fudhateera.

Shiibashii Alamaayyootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo:
www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment