Faawundeeshiniin Istirooki giddugala wal’aansaa akka ijaaruuf deeggarsi ni taasifamaafi- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Hagayya 27, 2017 (FMC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Faawundeeshiniin Istirooki giddugala wal’aansaa akka ijaaruuf deeggarsi barbaachisaan ni taasifamaafi jedhan.

Faawundeeshinichi giddugala wal’aansaa Istirook ijaaruuf fedhii qabaachuu beeksiseera.

Aadde Adaanech Abeebeen kaka’umsa Faawudeeshinichi dhibee Istirookii yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufe wal’aanuuf agarsiiseef galateeffachuun, Bulchiinsi Magaalichaa dhiyeessii iddoo ijaarsaa dabalatee deeggarsa barbaachisaa kan godhu ta’uu mirkaneessaniiru.

Ijaarsi giddugala kanaa xumuramee gara hojiitti wayita galu dhukkubsattoota biyya alaatti wal’aanamuu hin dandeenyeef boqonnaa guddaa kan kennu jedhan.

Wal’aansa dhibee kanaa biyya keessatti kennuun tuurizimii fayyaa guddisuun diinagdee biyyaaf faayidaa olaanaa qabaachuus ibsaniiru.

Jiraattonni magaalichaa Istirookii ittisuuf sochii Ispoortii akka taasisan waamicha dhiyeessuu isaanii Hogganaan Pirees Seekireetariyaatii Waajjira Kantiibaa Zaman Juundii Faanaa Dijiitaaliif ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment