Finfinnee, Caamsaa 15, 2017 (FMC) – Loomiin kuduraa fi muduraa keessaa tokko ta’ee dur irraa kaasee ilmi namaa wanta garagaraaf itti fayyadamaa tureera.
Loomiin yeroo baayyee qabiyyee isaa kan ta’e vaayitaaminii C dhan beekamuus, dabalataan qabiyyee biroo hedduu ilma namaaf faayidaa guddaa qaban albuudota akka ayiranii, Kaalsiyeemii, Maagniziyeemii, Pootasiyeemii fi Vitaamina biroo heddu of keessaa qaba.
Faayidaa Loomii qorannoon mirkanaa’an keessaa isaan muraasa:-
1, Dandeettiin dhibee ittisuu qaamaa akka dabalu taasisun; infeekshiinii baakteriyaa fi vaayirasiin dhufan akka salphaatti hin hubamne ni godha.
2. Fayyummaa onnee eeguu fi rakkoolee sirna marsaa dhiigaa waliin walqabatee dhufu biroo kan akka Istirookii / stroke(dhiiga sammuu keessatti dhiiguu ykn itituu) ni ittisa.
3.Ulfaatina qaamaa madaalawaa ta’e akka qabaatan taasiisa.
4.Cirrachi kalee akka hin uumamne ni taasisa
5.Asmii ittisuuf ni gargaara
6.Fayyummaa gogaa fi rifeensaaf ni oola, shunturuu gogaa balleessuuf ni gargaara
7.Fayyummaa tiruuf, kanaaf tiruu akka xuraawan garagaraa qaama keessaa saffisaan balleessuuf ni garagaraa,
8.Infeekshiini sirna haargansuu ta’an kan akka dhukkubbii qoonqoo,biroonkaayitii ittisuuf ni gargaara.
9.Dhukkubbii buusaawwanii fi maashaalee ni hir’isa
10.Qufaa/Utaalloon akka nu hin qabnee ni ittisa ykn yoo qabamnee immoo akka dafnee fayyinnu ni gargaara.
11.Hir’ina dhiigaa ni ittisa
12.Carraa Kaanserii garagaraan qabamuu ni hir’isa.
13.Fayyummaa sirna bullaa’insa nyaataa ni eega.
14.Hammi asiidii fi beezii ( PH) qaama keessaa madaalawaa akka ta’u ni taasisa.
15.Dhibee hanqinna Vaayitaaminii Cn dhufuu Iskaarvii jedhamuu( scurvy) fi rakkoo isaan walqabatee dhufu kan akka dadhabbiin namatti dhagahamuu( fatigue), kulkulluu fi dhiiguu irga ilkaanii, dhiiguu hidda dhiigaa xixxiqqoo gogaa keessaatti argamanii, dhukkubbii buusaa lafee, madaan dafee fayyuu diduu fi kkf ni ittisa.
16.Foolii afaanii badaa ta’e ni hir’isa
17.Nyaata bifa garagaraan qophaa’anitti dabalamuun foolii fi dhandhama gaarii akka qabaatan taasisa.
Loomii bifa garagaraan fayyadamuun ni danda’ma, garuu bishaan hoo’aa waliin walitti makuun ganama ganama garaa duwwaatti osoo dhugnee ni filatama.
Loomii garmalee baayi’sanii fayyadamuunis miidhaa fiduu danda’a.
Loomiin asiidii baayyee waan of keessaa qabuuf, Yoo baayisnee fayyadamne miidhaa nurran geesisuu danda’a ykn rakkoolee kanaan dura jiran nutti hammessuu danda’a.
Fakeenyaaf:-
1.Gubaa laphee hammessuu danda’a
2.Afaan madeessuu danda’a
3.Ilkaan keenya miidhuu danda’a.
Kanaaf al tokkotti baay’isnee fayyadamuu irra guyya guyyaan fayyadamuun gaarii ta’uu ogeeyyiin yaala fayyaa ni dubbatu.
Maddi:- Healthline
#Oromia # Ethiopia