Facaatii dhibee Busaa % 61 hir’isuun danda’ame – Piroofeesar Natsaannat Warqinaa

Finfinnee, Guraandhala 7, 2018 (FMC) – Oromiyaatti hojiilee dhibee dursanii ittisuu hojjetameen facaatii dhibee Busaa % 61 hir’isuun danda’ame jedhan Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofeesar Natsaannat Warqinaan.

Piroofeesar Natsaannat Warqinaan yaadaa fi Gaaffii miseensonni Caffee dhiyeessaniif ibsaa fi deebii kennaniiru.

Facaatiin isaa daran yaaddesaa kan ture dhibee Busaa ittisuuf hojii hojjetameen % 61 hir’isuun danda’ame jedhan.

Fedhii dhiyyeessii qoricha naannichaa foyyessuuf xiyyeefannaan hojjetamaa jiraachuu kaasan-

Naannoo Oromiyaarti kenna tajaajila fayyaa foyyeessuun tajaajila fayyaa dhaqabamaafi si’aataa taasiisuuf galteewan dhaabilee fayyaa foyyessuufi teeknoloojiin deegaruuf hojjetamaa jira jedhan.

Bittaa qorichaa buufataalee fayyaaf maallaqa oluu kanaan dura kuma 300 ture gara kuma 600tti akka guddatu taasiisuun madditti hawaasni qorichoota hospitaalootaafi dhabbilee fayyaa keessaa wayta dhabetti gatii madaalawaan akka argatu manneen qorichaa moodeela hawaasaa babal’isuun manneen qorichaa 663 tajaajila kennaa jiraachuu himan.

Dhaabbbilee fayyaa ogeeyyii gahaa akka qabaatan dhaabbilee barnoota olaanoo waliin hojjatamaa jiraachuu eeran.

Naannoo Oromiyaatti jijjiiramaa as hospitaalonni 127 dabalataan ijaaramuun tajaajila kennuu eegaluu dubbatan.

Muluu Waaqshumeetiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment