Finfinnee, Guraandhala 26, 2018 (FMC) – Facaatii dhibee Busaa guutummaatti to’achuuf hojjetamaa jira jedhe Biiroon Fayyaa Oromiyaa.
Waggoottan darban weerarri dhibee Busaa tasa mudachuun hawaasa jeeqaa ture yeroo ammaa hojii ittisaa fi to’annoo xiyyeeffannoon hojjetameen bu’aa gaariin argamuu Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofeesar Natsaannat Warqinaan Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinitti himaniiru.
Bara kana weerara dhibichaa % 62 oliin hir’isuun danda’amuu ibsan.
Hawaasa hirmaachisuun hojiin dhibicha qolachuu hojjetame dhibicha to’achuun akka danda’amu agarsiiftuu ta’uu eeran.
Haala waggaa tokko duraa fi baranaa yoo madaalle bara kana weerarri isaa daran hir’ichuu dubbatan.
Baatiwwan jahan darban keessaa iddoolee dhibichaaf caalmaatti saaxilamoo ta’an adda baasuun Agoobarri miiliyoonni 2.8 raabsamuu himan.
Dhibicha ittisuu qofa osoo hin taane guutummaatti to’achuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhan.
Qulqullina tajaajila fayyaa fooyyeessuu fi fedhii hawaasaa bu’uura godhachuun tarsiimoon hojjetamaa jiraachuu ibsan Piroofesar Natsaannat.
Dhiyeessii tajaajilaa, qorichaalee, meeshaalee yaalaa, dhaabbilee fayyaa babal’isuu fi teeknooloojiirratti bifa addaan hojjetamaa akka jiru eeran.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.