Falmii hanga torbee 38ffaatti kan shaampiyoonaa ta’e adda hin baane Seerii A Xaaliyaanii

Finfinnee, Caamsaa 15, 2017 (FMC) – Taphoonni torbee 38ffaa Seerii A Xaaliyaanii har’a taphataman ni eegamu.

Qabxii 79 seeri’icha dursaa kan jiru Naappooliin har’a halkan sa’aatii 3:45 eegalee morkiin Kaagliiyaarii waliin taasiisu ni eegama.

Tapha har’aa kana yoo injifate qabxii Intermiilaan osoo hin eegiin shaamiyoonaa ta’uu isaa mirkaneeffata.

Leenjisaa Antooniyoo Koonteen kan durfamu Naappooliin har’a yoo milkaa’e waggaa sadi keessatti yeroo 2ffaaf shaampiyoonaa seerii A ta’a jechuudha.

Gama biroon qabxii 1 qofaan caalamee sadarkaa 2ffaarratti kan argamu Intermiilaan sa’aatii walfakkaatuutti Koomoo waliin taphata.

Intermiilaan tapha kana injifatus yoo Naappooliin qabxii qoodatee fi injifatame malee carraa shaampiyoonaa ta’uu hin qabu.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment