Falmii har’a Maanchiister Yuunaayitiidii fi Arsenaal gidduutti gaggeeffamu

Finfinnee, Hagayya 11, 2017(FMC) – Taphoota torbee jalqabaa Piriimeer Liigii Ingiliiziin morkiin har’a Maanchiister Yuunaayitiidii fi Arsenaal gidduutti gaggeeffamu ni eegama.

Kilaboonni lamaan waancarraa erga fagaatanii waggoota lakkoofsisaniiru.

Maanchiister Yuunaayitiid erga bara Faranjootaa 2012/13tii Waancaa Piriimeer Liigii hin arganne, Arsenaal ammoo bara 2003/04 ture Waancaa kan fudhate.

Kilaboonni lamaan waancaarraa fagaatanis falmiin waliin taasisan jaalattoota kubbaa miilaan hawwiin eegama.

Waggoottan sadan darban sadarkaa 2ffaan kan xumure Arsenaal bara kana kilaboota Waancaa ni fudhatuun tilmaamama olaanaa argatan keessaa adda dureedha.

Maanchiister Yuunaayitiid ammoo sadarkaa hanga 6ffaa qabachuun barichaa xumuruu akka danda’u xinxaaltoonni kubbaa miilaa tilmaamama isaanii kaa’aniiru.

Deeggartoonni Maanchiister Yuunaayitiid tapha har’aa dursanii sagalee mormii dhageessisuuf beellamatanii turanis sagalee mormichaa yeroo birootti dabarsuutu ibsame.

Maanchiister Yuunaayitiid tapha baniinsaa 22 injifachuun seenaa gaarii qaba.

Taphni har’a galgala sa’aatii 12:30 eegalee taphatamu kun xiyyeeffannoo olaanaa argateera.

Taphoota biroon har’a waaree booda sa’aatii 10:00 eegalee taphni Cheelsiin Kiristaal Paalaas, Nootiingahaam Forest ammoo Bireentifoordi waliin taphatan ni eegama.

Wandimmaaganyi Tsaggaayeetiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment