Falmii Luusiwwan waggoota 14 booda Waancaa Afrikaaf darbuuf taasisan

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2018 (FMC) – Gareen Kubbaa Miilaa Dubartootaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa Luusiwwan waggoota 14 booda Waancaa Afrikaaf darbuuf falmiin har’a  taasisan ni eegama.

Luusiwwan morkiin har’a gita isaanii Taanzaaniyaa waliin godhan ni xiyyeeffannoo argateera.

Taphni gulaallii xumuraa kun har’a waaree booda sa’aatii 9:00 eegalee Istaadiyeemii Dirre Dhawaatti taphatama.

Luusiwwan tapha marsaa jalqabaa Taanzaaniyaatti taphatan galchii 2 fi 0n injifatamuun kan yaadatamuudha.

Gareen Kubbaa Miilaa Dubartootaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa seenaa keessatti yeroo jalqabaaf Waancaa Afrikaa bara Faranjootaa 2002 qopheessummaa Naayijeeriyaan gaggeeffameerratti hirmaataniiru.

Hirmaannaa bara 2004 fi 2012 dabalatee waltajjiiwwan 3 taasise waliigala taphoote 11 taphateen galchiiwwan 6 qofa lakkoofsisuun galchiiwwan 24 ammoo keessummeessera.

Waggoota 14 booda hirmaannaa Waancaa Afrikaa 2026 argachuuf falmii daqiiqaa 90 qofatu hafe.

Wandimmaaganyi Tsaggaayeetiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment