Faransaay tumsa damee loltummaan Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsitee itti fufti- Jeneraal Piyeer Shiil

Finfinnee, Sadaasa 17, 2018(FMC)- Faransaay tumsa damee loltummaan Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsitee itti fufti jedhan Ajajaan Waraana Lafarraa biyyattii Jeneraal Piyeer Shiil.

Jilli loltummaa Faransaay Jeneraal Piyeer Shiiliin durfamu hoggantoota Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa waliin mari’ateera.
Marichi tumsa loltummaa biyyoota lameenii cimsuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Tumsi kun waliigalteewwan hoggantoonni biyyoota lameenii taasisan hordofee kan taasifame ta’uu Miidiyaan Oonlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Dijiitaaliif ibseera.

Jeneraal Piyeer Shiil wayita kana hojii Itiyoophiyaan nageenya naannawichaa mirkaneessuuf hojjechaa jirtutti gammaduu ibsuun, yeroo itti aanutti dhimmoota barbaachisoo ta’an irratti tumsaan kan hojjetan ta’uu eeran.

Ergama nageenya kabachiisuu keessatti hirmaannaan raayyaa ittisaa Itiyoophiyaa barbaachisaa ta’uu kaasanii, cimee itti fufuu akka qabu dubbatan.

Faransaay fayyadamummaa waloof deeggarsa meeshaalee waraanaa, leenjii humna namaafi tumsa loltummaa walitti fufiinsa qabu taasisuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Hogganaan Qajeelcha Olaanaa Barnootaafi Leenjii Raayyaa Ittisaa Jeneraal Yimar Makonnin gama isaaniin, teeknooloojii loltummaa ammayyaan deeggaramuun dirqama bahachuuf Faransaay waliin tumsaan ni hojjetama jedhan.

Faransaay waliin hariiroo loltummaa waggoota dheeraa qabaachuu yaadachiisuun, michummaa kana dameewwan loltummaa garaagaraan cimsanii itti fufsiisuun barbaachisaadha jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment